1. Akkuma beekamu dhaabbanni META biyya keenya keessatti biiroo banatee hin qabu. Kanaafuu "feature'n" kan verification kallattiidhaan biyya kana keessatti nama dhaabbaticha bu'een hojjetamaa hin jiru jechuudha. Kanaafuu yoo xiqqaate asuma ollaa keenya KENYA tu "Verify" nuuf gochuu danda'a. Namooota "WAITLIST" jala jiran kanneen Afrikaa Bahaa jiran gara KENYA tti erga jechuudha.
2. Yemmuu namni tokko fuula facebook isaa verify godhu profile isaa kanneen akka ID, suura isaa fi wantooota barbaachisantu guutamuu qaba. Kanas dhaabbatichi sirnaan ilaala. Hamma ulaagaa sirrii argatutti VERIFY gochuuf ni rakkata jechuudha.
3.Maamilli baay'achuu irraa kan ka'e, dhaabbatichi BUSY ta'uu mala. Akkuma addunyaatti FACEBOOK tokkicha qofatu jira. Kanaafuu fayyadamootota 3.12bln ta'antu yaadota garaa garaa dhiyeessaa oola waan ta'eef kana hunda al takkaatti keessuumeessuufis ulfaachuu mala.
4. Barri bara AI waan ta'eef qaamni VERIFICATION gaafate kun namamoo scammeriidha isa jedhu adsa baasuufis tursuu danda'a.
AKka furmaataatti
1. Dhaabbatichi silaa damee isa akkuma NAIROBI irraa qabu, as FINFINNEETTIS utuu banatee gaarii dha. Rakkoowwan hedduutu furama. Carraa hojii hedduu illee ni dargaggootaaf ni uuma.
2. Gaafa foormii guuttan profile keessan isa dhugaa fi akka mul'achuu danda'utti guutuu
3.Maxxansaalee garaa itti fufinsa qabu maxxansuu, wantoota maxxanfaman keessa ammoo haasaa jibbinsaa, arrabsoo, waan sanyummaa wajjin walqabatee tokko jibbee tokko leellisu, oduu sobaa, fi k.k.f maxxansuu dhiisuu
4. Two-factor authentication qabaachuu
5. Application facebook UPDATED ta'e fayyadamuu.
#Cholletech #Facebook #techinfo #metaverify












